Fana: At a Speed of Life!

Booranatti Qamadiin Arfaasaan misoome walitti qabamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)-Godina Booranaatti Qamadiin Arfaasaan misoome walitti qabamuu eegaluu Biiroon Qonnaa oromiyaa beeksise.

Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu, Godina Booranaa Aanaa Miyootti qamadii kilaastaraan misoome walitti qabuu eegalchiisaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo, Godinichatti rooba Ganna baranaan lafa hektaara kuma 96 irratti facaafame keessaa Aanaalee torbatti lafti hektaarri kuma 12 fi 200 kilaastara qamadii misoomuu himaniiru.

Rakkoo hongee darbee keessaa baanee hardha sadarkaa qamadii walitti qabuurra gahuun murannoo fi xiiqiin rakkoo keessaa bahuuf sochii qindoominaan taasifameen milkahuu dubbachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.