Fana: At a Speed of Life!

Booranatti Pirojektoonni Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 452’n eegalchiifaman

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC)- Godina Booranaa aanaalee torbatti pirojektoonnii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 452’n ijaaraman eegalchiifaman.

Pirojketoonni kunneen baajata mootummaa fi deeggarsa Dhaabbata Gargarsaa Ameerikaa (USAID) kan ijaaraman yoo ta’u, Aanaalee rakkoo bishaan dhugaatii hammaataa fi daangaa irra jiran aanaalee Yaaballoo,Taltallee, Areeroo, Dirree, Dilloo, Miyoo, Mooyyalee keessatti kan hojjetaman ta’uun ibsameera.

Pirojektichi wayita xumuramutti hawaasa kuma 41 fi500 fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu akka ta’een eerameera.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Araarsoo Abdulaxiif hanqina bishaan dhugaatii horsiisee bultootaa fi Godina Booranaa furuuf baajata idilee Mootummaan rammaduun cinaatti, sagantaalee garagaraa Ministeera Bishaanii fi inarjiitiin deeggarsa taasifamee hojetamaa jira jedhan.

Pirojektiin kunis yeroo gabaabaa keessatti xumuramee hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu uummata naannwichaa kan furuudha jedhaniiru.

Ministirri Ministeeraa Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan gama isaaniin Booranatti hanqina bishaanii olaanaa furuuf xiyyeefannaan hojjechaa jiraachuus kaasan.

Waggoottan sadan darbanitti pirojektii Neetoorkii bishaan Booranaa xumursiisuuf humna olaanaa gaafachuu yaadachiisanii, kanaas ji’a 6 hanga waggaa 1 keessatti tajaajilaaf banaa taasisuuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessuu ragaa Kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.