Fana: At a Speed of Life!

Booranatti Pirojektii Finnaa fi rooba Hagayyaan lafa heektaara kuma 16 Qamadiin uwwisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Godina Booranaatti pirojektii Finnaa fi rooba Hagayyaatiin lafa Heektaara kuma 16 ol qamadiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti facaasaan qamadii jallisii bonaa lafa hektaara sagal irratti gaggeeffamuu jalqabsiifameera.

Bulchaan Aanaa Yaaballoo Obbo Gobbuu Canaan, hojiileen misooma qonnaa kunneen bu’aalee barbaadaman akka argamsiisaniif hordoffii ogummaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo gama isaaniin qonna jallisii qamadii dabalatee inisheetiiviin muuzillee yeroo jalqabaaf godinichatti eegalamuu himaniiru.

Sosochii misooma qonnaa eegalameen wabii nyaataa hawaasichaa mirkaneessuuf hojjetama jiraachuu eeran.

Horsiisee bultoonni godinichaa hongee mudatee ture dandamachuu fi misooma qonnaarratti fuulleffatanii hojjechaa jiraachuu eeranii, misooma qamadii fi oomisha kuduraaf muduraa eegaluu kaasaniiru.

Godinichatti Pirojektii Finnaa fi rooba Hagayyaa fayyadamuun lafa heektaara kuma 16 qammadiin uwwisuuf hojjatamaa jiraachuus dubbataniiru.

Horsiisee Bultoonni Aanaa Yaaballoos erga hongeen mudatee as pirojektii finnaan qamadii misoomsuu eegaluu himanii, bu’aa fooyya’aa argachuuf akka hojjatan dubbataniiru

Kululaa Garbichaa fi Addis Taammiraatitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.