Fana: At a Speed of Life!

Boorana Bahaatti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Godina Boorana Bahaa Aaanaa gooroo Doolaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 8 darbe.

Balichi Konkolaataa deddeebisaa ummataa Doolfiin jedhamuun beekamu Adoolaa Waayyuurraa gara Negeellee Booranaatti imalaa ture konkolaataa fe’umsaa waliin walitti bu’uun kan mudate ta’uu Itti Gaafatamaan Qajeelchaa Tiraafikaa Poolisii Oromiyaa Komaandar Balaachoo Tikii FBC’f ibsaniiru.

Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuu eeruun, konkolaachistoonni balaawwan tiraafikaan miidhaa qaqqabu ittisuuf of eeggannoon akka konkolaachisan dhaamaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.