Booqaa Birraa, Masqala Mootii Ayyaanaa Baga Nagaan Geessan-Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Booqaa Birraa, Masqala Mootii Ayyaanaa Baga Nagaan Geessan jechuun Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.
Pireezidaanti Shimallis Ayyaanaa Masqalaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin Booqaa Birraa Ayyaana Masqalaa fi jala bultii Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun dachee Oromiyaaf sibilli gad jedhee harki nagaaf akka ol jedhu waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.
Oromoon falaasama guddicha yeroo maree dhufee maree darbu ittiin ilaalu dhaha sirna lakkoofsa yeroo mataa isaa qaba.
Akka falaasama Oromtichaatti guyyoonni, ji’oonniifi waggootni wal jalaa siqaa dhufanii darban jireenya ilma namaa waliin hidhata jabaa akka qabantu amanama.
Waggaa maree dhufee, maree darbu keessattis ayyaanotni jiran duudhaafi safuu Oromtichaatiin yayyabamanii karaa hiikoo qabaniin kabajamu.
Kanaafis Oromoon ‘Ayyaana waggaa ayyaantuutu arga’ jechuun kabaja, jaalalaafi hawwii gaarii simannaa ayyaana waggaaf qabu ibsata.
Masqalli imala ce’umsaa mallattoo jijjiiramaa dirri dachee rooba Gannaatiin miidhame bayyaannatee Abaaboowwan dinqisiisoo foolii urgaa’aa qabaniin faayameefi ifni abdiin eegamaa ture Birraan miidhagina uumamaatiin kuulamee ilma namaa imala haaraawaaf qopheessa.
Jijjiirrama waggaa haaraa hordofee Qeerroofi Qarreenis Goobeefi Shinooyee weeddisaafi dhiichisaa misiraachoo simannaa Booqaa Birraa jala bultii Ayyaana Masqalaatti labsu.
Damaraas waloon gubanii Masqala dabre Ganni hin jiru jechuun abdiifi hawwii gaarii barii Birraa waliif dhaamu.
Masqalli mallattoo ifaa, quufaafi araaraati.
Birraan bari’ee kan faca’e bilchaatee yoo asheetu beela godaansisee quufaafi suga waama.
Ollaafi firri fagoof dhiyoos waliin ta’ee; kan wal dhabes araaramee waliin nyaatee dhuga; loonsaas kalootti yaasee quubsee barri kan quufaafi gabbinaa ta’uu mirkaneessa.
Kanaaf Oromoon Masqalli quufa jedha.
Barii Ayyaana Masqalaa booda Oromoon waaqa waggaa nagaan fidee dabarsu waloon malkaatti ba’ee galateeffata.
Kanaan yaadaafi qalbii isaatiif tasgabbii kennee walii isaatiif ammoo araaraaf dhiifama tibba itti taasisudha.
Kabajamtoota uummata Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga Ayyaana Masqalaa nagaan geessan; baga waliin geenye!
Kabajamtoota uummata Oromoo, har’i keenya akka kaleessaa miti; barii jijjiiramaa irraa eegalee qormaatota gara carraa gaariitti jijjiiruun injifannoo aarsaa qaaliin galmaa’e cimsinee imaanaa gootota darbaniif kabaja malu laannee birmadummaa biyyaa guutuu taasisuuf aarsaa barbaachisu hundas kaffallee tiksaa jirra.
Kana malees, biyya idaan burkutoofte fudhannee rifoormii jajjaabaa hojiirra oolchinee, karoora Imala Badhaadhinaa qopheessinee humna waloo, badhaadhina maatiifi baajata qabnus fayyadamnee Itoophiyaa hunda keenyaaf taatu hundaan hundarraa ijaaruu akka dandeenyu gochaan mirkaneessinee jirra.
Kabajamoo Muummeen Ministiraa, looreetni nagaa Addunyaa Dr Abiyyi Ahmad daandii Imala Badhaadhinaa qiyyaasaniin harqota maraammartoo hiyyummaa caccabsinee, qormaatota keessaafi alaa injifannee gaara hiyyummaa jigsinee biyya badhaateefi mootummaa cimaa qabatamaan ijaaraa jirra.
Imala keenya gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waggoota ja’an darbeetiinis injifachuu danda’uu keenya gochaan mirkaneessinee dhalootaafis ashaaraa kaa’aa jirra. Bara 2016 karoora xiiqii qopheesineenis milkoofnee jirra.
Hiyyummaa qaanii ta’e injifannee badhaadhina qananii ta’e mirkaneessuun dafqa keenyaan qofa ta’uu dursinee waan hubanneef Ganna roobaan; Bona jal’isiif copha bishaanii osoo hin qisaasessin fayyadamnee seenaa ajaa’ibaa galmeessuu dandeenyeerra.
Kanaanis Qamadii baajata guddaa baafnee alaa galchuu guutummaatti dhaabuun lafa keenyarratti oomishuun ofirra darbinee alatti erguu jalqabnee jirra.
Injifannoo qamadii irratti argannee gosoota oomisha birootiinis dabaluuf hojii eegalleen kuduraafi muduraa, misooma horii aannaniifi foniin akkasumas misooma ruuziitiinis milkaa’aa jirra.
Uummata harki isaa hojjetee milkaa’uu danda’u qabaachuu keenyaan golli Oromiyaa hunduu har’a misoomaan guutuudha.
Hojiin pirojektoota keenyaas bulanii kan uummata dallansiisan osoo hin taane yeroo gabaabaa keessatti baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjetamanii xumuramuun tajaajilaaf oolaa jiru.
Jijjiirama qilleensaa hordofee miidhaa uummata keenyarra ga’aa ture bu’uura irraa maksuun pirojektoota Finnaa Gammoojjii Oromiyaa keessatti ijaaramaniin injifannoon misoomaa galmaa’aa jira.
Duudhaa ganamaatti deebinee itita aadaa uummata keenyaa fayyadamnee rifoormiin deeggaruun tajaajilli lammummaa misooma waloo utubeera.
Mana Murtii Aadaatiinis uummatni haqasaa gonfachuu danda’eera.
Buusaa Gonofaan wal gargaaree gaachana guyyaa gaafa rakkoo utubaa amansiisaa ce’ee wal ceesisu ta’uus mirkaneesseera.
Gaachana sirnaatiin ijaaramee diina isa nyaaru qolatee injifannoo isaa tikfachuun abbaa biyyummaa isaafis wabii ta’eera.
Oromoon duudhaa gabbataa hammannaa kan qabuufi haammatees biyya hundaaf taatu ijaaraa jira.
Seenaa dabe sirreessee seenessa waloos ijaaruu eegaluu isaatiin afaan kaleessa caba keenya lallabe har’a gaarummaa keenya dhugaa ba’aa jira.
Dinagdee keenyas qeenxee irraa gara dinagdee damdaneessaatti ceesifneerra.
Dilbii qabnu fayyadamnee Qonna keenya makaayizeeshishiiniin cimsuu, qabeenya uumamaafi namtolchee tuuriizimiif oolchuu, Induustirii manufacheriingii babal’isuu, teeknoloojii odeeffannoo gabbisuun dijitaalayizeeshinii humneessuufi Albuuda keenya fayyadamnee alergii guddisuun badhaadhina milkeessina.
Hojii hojjenneenis horata haaraa horannee ifa badhaadhinaatti ce’aa jirra.
Kana gochuu kan dandeenyeef hooggansa yaadee karoorsuufi waadaas gochaan dhugoomsu, uummata hojjetee milkeessus qabaachuu keenyaani.
Karoora xiiqii marsaa 2ffaa bara 2017 hiixannee karoorsine gochaan dabaaluuf damee hunda irratti kutannoon hojjechaa jirra. Milkaa’inni bara 2016 gonfanne hundi horata bara 2017ti.
Hanqinaalees qorannee addaan baafachuun cichinee hojjechuuf kallattii kaa’anneerra.
Injifannoowwan keenya dachaan daballee milkaa’ina itti fufsiisuuf jalqaba waggaa haaraatti rifoormii gurmaa’insa Gandaa hojiirra oolchinee tajaajila mootummaa uummatatti siqsuuf murtii seena qabeessa murteessinee gochatti jijjiirreerra.
Kanaafis bulchuun Gandaa Buluunis Ganda ejjennoo jedhu qabachuun caasaan mootummaa Gandatti hojii eegalaa jira.
Uummatni keenyas mootummaa isaa waliin ta’uun jalqabbii gaarii kana lafa qabachiisuu qaba.
Mootummaan keenya uummata keessaa uummataan uummataaf kan dhalate, aantummaa uummataan gonfamee gadoofi gadadoo balleessee badhaadhinaafi nagaaf nageenya ijaaruuf kan hojjetudha.
Kanaafis nageenya keenya waaressuuf harka nagaa diriirsinee waamicha nagaa taasifnee ilmi nagaa simate Oromiyaa waraanuu irra Oromiyaa qananiisuu filate qe’ee isaatti galaa jira.
Dhugaa dubbachuuf ergamtummaa alagaa galmaan ga’uuf yoo ta’e malee, boqonnaan qabsoof Oromoo bosonatti galchu guutummaatti cufameera.
Oromoon gama hundaan injifannoo keessa akka jiru hubatamuu qaba.
Kanaafis waamicha mootummaa simachuun, gorsa abbootaafi haadhotaa fudhachuun bosona keessaa galuun yeroon isaa amma.
Tokkummaan Oromoo haa ijaaramu; nagaan Oromoos haa waara’u.
Booqaa Birraa Ayyaana Masqalaafi jala bultii Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun dachee Oromiyaaf sibilli gad jedhee harki nagaaf akka ol jedhu waamichakoon dhiyeessa.
Xumura irrattis Ayyaanni Masqalaa kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwaa kan daare uwwisuu, maaddii waliin qoodachuu, araaraafi dhiifama buusuun tokkummaa keenyas cimsinee Masqala Mootii Ayyaanotaa haa simannu.
Horaa bulaa; deebanaa! Ayyaana Gaarii!
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nugargaara!