Fana: At a Speed of Life!

Boombiin wayita Waraana Addunyaa 2ffaa bishaan keessatti dhidhime osoo hin dhohiin argame

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Boombii guddaan wayita Waraana Addunyaa 2ffaa Xaaliyaanitti bishaan lagaa keessatti dhidhimee ture argamuu gabaafame.

Boombichi kiiloogiraama 450 yookaan ammoo paawundii kuma 1 kan madaalu yoo ta’u, hongee biyyattiitti mudateen lagni hir’achuusaan namoota qurxummii kiyyeessaniin argamuu ibsameera.

Anga’oonni waraanaa biyyattii ibsa laataniin, boombiin hin dhohiin hafe kun fanjii kiiloogiraamaa 240 madaalu qabaachuu eeraniiru.

Boonbichi of eeggannoon akka dhohuufi tamsa’u taasisuuf jiraattonni kuma 3 ta’an naannawichaa akka kaafaman taasifamuu ibsameera.

Hongee hamaa waggoottan 70 booda biyyattiitti mudateen qilleensi ho’aaniifi hangi roobaa gadi aanaa ta’e uumamuun kaaba Xaaliyaaniitti hanqinni bishaanii uumamuufi lagni biyyattii guddaan kiiloomeetira 650 imalu, Paan gogaa jiraachuu eerameera.

Sababa hongee cimaa biyyattiitti uumameen boombiin wayita Waraana Addunyaa 2ffaa laga Paa keessatti dhidhimee osoo hin dhohiin ture qarqara lagichaatti namoota qurxummii kiyyeessaniin argamuu anga’aan waraanaa biyyattii Koloneel Maarkoo Naasiin Rooyitarsitti himaniiru jechuun BBCn gabaaseera.

Boombichi guyyaa kaleessaa ogeeyyiin of eeggannoon akka dhohuufi bittinnaa’u taasifamuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.