Fana: At a Speed of Life!

Boolaa Tiinuubuun Pireezidaantii Naayijeeriyaa ta’uun filataman

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Filannoo pireezidaantummaa Naayijeeriyaatti gaggeeffameen Boolaa Tiinuubuun Pireezidaantii haaraa biyyattii ta’uun filatamuu gabaafameera.

Filannichaan bulchaan duraanii Leegoos Boolaa Tiinuubuun sagalee miiliyoona 8.79 argachuun filannicha injifachuu Komishiniin Walabaa Raawwachiistuu Filannoo biyyattii beeksiseera.

Boolaa Tiinuubuun pireezidaantii biyyattii ta’uuf sirna kakuu kan raawwatan ta’uus komishinichi ibseera.

Morkataa cimaa Boolaa Tiinuubuun kan turan Atiikuu Abuubakar sagalee miiliyoona 6.98 argachuun filannicha injifatamuu Rooyitars gabaaseera.

Dargaggoota biyyattii biratti fudhatamummaa kan qabu Piitar Oobiin sagalee miiliyoona 6.1 argachuus ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.