Fana: At a Speed of Life!

Bobbii biyya keessaa fi alaan lammiilee miiliyoona 1.4’f carraan hojii uumame – Aadde Mufariyaat Kamiil

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Bobbii biyya keessaa fi alaan lammiilee miiliyoona 1.4’f carraan hojii uumamuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsan.

Baatiwwan jahan darban hojii riifoormii gara hojii qabatamaatti jijjiiruun ciminaan raawwatamaa turuu Aadde Mufariyaat eeraniiru.

Lammiilee miiliyoona 1.5niif leenjii gaggabaabaa kennuuf karoorfamee lammiilee miiliyoona 1.2’f leenjii kana kennuun danda’amuu himaniiru.

Baatiwwan jahan darban bobbii biyya keessaa fi alaan lammiilee miiliyoona 1.4f carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Baatii torba keessatti Lammiileen kumni 230 leenjii fudhatan biyyoota alaatti ergamuun carraa hojii argachuu kaasaniiru.

Biyya keessattis lammiileen gara hojiitti galan hanqinni maallaqaa akka isaan hin muudanne Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Oomishaalee Interpiraayizootaa beeksisuuf hojjetamaa turuus eeraniiru.

Akkasumas iddooleen gurgurtaa oomishaalee Interpiraayizootaa ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.