Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota weeraruun hedduu Boombiin kan ajjeefte Ameerikaan, ‘Putiin yakkamaa waraanati’ jechuuf hamileen hin qabdu – Dubbii Himaa Raashiyaa

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Iraaq dabalatee Biyyoota alaa weeraruun lammiilee nagaa hedduu Boombiin kan ajjeefte Ameerikaan, ‘Putiin yakkamaa waraanati’ jechuuf hamilee hin qabdu jedhan Dubbii Himaa Kireemliin Diimeetirii Peeskoov.
Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Preezdaantiin Raashiyaa Putiin yakkamaa waraanati jechuu isaanii hordofee Kireemliin dhimmichaaf deebii kenniteerti.
Yaadni Ameerikaan laatte fudhatama kan hin qabnee fi dhiifama kan hin jedhamne ta’uu Dubbii Himanaa Kireemliin Diimeetirii Peeskoov ibsaniiru.
Biyyi addunyaarratti namoota kuma dhibba 1 ol Boombiin Ajjeefte Ameerikaan, Putiiniin yakkamaa waraanati jechuun ishee fudhatama kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Haleellaa Raashiyaan Yuukreenirratti raawwatte Ameerikaan kan balaalleffattu ta’us Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Preezdaant Putiin yakkamaa waraanati jechuun ibsuun kan jalqabaa ta’uu himameera.
Waraanni Raashiyaa of eeggannoo tokko malee Magaaloota Yuukreenirratti miidhaa qaqqabsiisan jechuun himata Ameerikaan Raashiyaarratti dhiyeessaa jirtu ilaalchisee Preezdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin deebii laataniin, Waraanni Raashiyaa ergama itti laatame qixa sirriin kan raawwatu, meeshaalee waraanaa bakka xiyyeeffnnoo qofa haleeluu danda’u kan hidhatee fi bakka fuulleffate adda baasee haleeluuf ga’umsa kan qabu ta’uu ibsuu isaanii RT gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.