Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota ollaa Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa hammaachaa dhufuu himame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Biyyoota ollaa Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa hammaachaa dhufuu himame.
 
Keeniyaatti guyyaa har’aa qorannaa laaboraatoorii sa’aa 24 keessatti namoota 1195niif taasifameen vaayrasiin koroonaan namoota 24 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii ifoomseera.
 
Keeniyaatti waliigala namoonni vaayrasichaan qabaman 435 ga’eera.
 
Namoonni 21 ol ammoo du’aniiru.
 
Sudaan Kibbaattis sa’aa 24 darbetti qorannaa laaboraatoorii samuudaa namoota 138tiif taasifameen namoota 10 irratti vaayrasiin kun argamuu Ministeerri Fayyaa Sudaan Kibbaa beeksiseera.
 
Jiibuutiittis namoonni vaayrasiin koroonaan qabaman kuma 1 fi 112 ga’eera.
 
Soomaaliyaatti namoota 601 dhibee COVID -19 qabaman keessaa namoonni 28 du’aniiru jedhame.
 
Sudaaniitti ammoo namoota dhibichaan qabaman 533 keessaa namoonni 36 lubbuu dhababuu isaanii ibsameera.
 
Guutuu Afrikaatti waliigala namoota kuma 40 ol dhibee COVID -19niin qabaman keessaa namoonni kumni 1 fi 700 yoo du’an, namoonni kumni 13 ol ammoo dhibicharraa dandamataniiru jedhame.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.