Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran gidduutti qaawwa fayyadama interneetii guutuun murteessaa ta’uu eerame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran gidduutti qaawwa fayyadama interneetii guutuun ajandaa jalqabaa Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii Idil-addunyaa ta’uu akka qabu ibsameera.

Hoggantoonni olaanoo Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa ajandaa yaa’ichi irratti xiyyeeffachuu qabu ilaalchisee Siwiizarlaand Jeeneevaatti mari’ataniiru.

Miseensi hoggansa Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii Idil-addunyaa fi Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Aliin biyyoota guddachaa jiran keessatti fayyadamni intarneetii, bu’uuraalee misoomaa fi hanqinni meeshaalee diijitaalaa ajandaa yaa’ichaa ta’uu qaba jedhan.

Guddina Diinagdeef Teeknooloojiin diijitaalaa qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Kaayyoo kana galmaan ga’uuf hawaasa diijitaalaa uumuu irratti hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Hoggantoonni Olaanoon Idil Addunyaa haala Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii caalmaatti cimsuun danda’amuu fi dhaabbilee garaagaraa waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.