Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni sadeen marii gaggeessaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha haaromsaarratti marii gaggeessaa jiru.
Marii kanarratti itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonnin, Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsi Saamii Shukrii fi Ministirri Ministeera Bishaanii fi Jallisii biyyattii Mahaammad Abduul Ateehi, akkasumas Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Bishaanii Sudaan hirmaataniiru.
Marii viidiyoo Konfaransiin gaggeeffamaa jiru kanaan haala guutinsaa fi gadi lakkifama bishaan Hidha Haaromsaa, akkasumas adeemsa gara hojiitti galchuu dandeessisurratti mariin taasiifamaa jiraachuu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.