Biyyoonni qabeenya Afrikaa saamuuf yaadan yeroo ammaa fudhatamummaa hin qaban – Maakii Saal
Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Biyyoonni qabeenya Afrikaa saamuuf yaadan yeroo ammaa fudhatamummaa hin qaban jedhan Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Preezdaantiin Seeneegal Maakii Saal.
Afrikaanoonni hariiroo Dinaagdee, Siyaasa fi hawaasummaa biyyoota kamuu waliin wayita taasisan faayidaa waliin bu’uura taasisu jedhan.
Afrikaan hariiroo Invaastimantiivfi hojiilee misooma Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Jaappaan fi biyyoota biroo waliin taasistu walitti dhufeenya faayidaa waliini irratti xiyyeeffachuun taasisu qabdi jedhaniiru.
Biyyoonni qabeenya Afrikaa saamuuf yaadan fudhatamummaa hin qabanis jedhan.
Afrikanoonni dhimmoota faayidaa mataa isaanii kabachiisurratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban jedhan Preezdaan Maakii Saal.
Afrikaan qabeenya uumamaa qabdu seeraan itti fayyadamte qabdis jedhan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.