Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensota IGAD karoora balaa umamaa fi namtolchee dandamachiisu hojiirra oolchuu qabu-Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Biyyoonni miseensota Dhaabbataa Misoomaa Mootummoota Baha Afriikaa (IGAD) karoora balaa umamaa fi namtolchee dandamachuu dandeessisu hojiirra oolchuu akka qaban Barreessaa Olaanaan Dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo hubachiisan.

Walga’iin Koree qindeessituu IGAD 14ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’ichi qaama yaa’ii balaa hongee itti fufiinsaan furuu fi ittisuurratti xiyyeeffatee Jimaataa dhufu Finfinneetti gaggeeffamuu ta’uun eerameera.

Yaa’icharratti gabaasa raawwii karoora hongee dandamachuu biyyootaa miseensota IGAD dhiyaachuun irratti mari’atama jedhameera.

Dooktar Warqinaa Gabayyoo walga’icharratti, dandeettii hongee dandamachuu horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultoota naannawichaa cimsuuf hojjetamaa turuu yaadachiisan.

Naannawichatti hongeen barootaa dheeraaf hinmudatiin ture mudachuu ibsanii, kanaanis lakkoofsi namoota deeggarsa nyaataa barbaadanii dabaluu ibsan.

Kanaaf, biyyoonni naannawichaa karoora jijjiiramaa addunyarratti mudataa jiru dandamachiisuu dandeessisu hojiirra oolchuun irraa eegamaa jedhan.

Deetaan Ministiraa Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa gama isaaniin, hongee irraa deddeebin naannawichatti mudate, lolaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee balaawwan uumaman, jireenya hawaasummaarratti dhiibbaa uumuu dubbataniiru.

Gama kanaan Ityoophiyaan rakkocha dandamachuuf pirojektiiwwan ijaarsa dandeetti karoorsuun hojiirraa oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.