Biyyoonni Lixaa Yuukreeniif miisaa’eloota fageenya dheeraa akka hin dhiyeessineef Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin akeekkachiisan
Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa Yuukreeniif miisaa’eloota fageenya dheeraatti furguggifaman akka hin dhiyeessineef Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin akeekkachiisuu gabaafame.
Miisaa’eloonni fageenya dheeraarratti furgiggifaman Yuukreeniif kan dhiyaatan yoo ta’e Raashiyaan tarkaanfii duub-deebii kan fudhattu ta’uu fi qiyyeeffannoowwan kanaan dura hin fayyadamiin fayyadamuuf kan dirqaman ta’uu Vilaadmiir Putiin gaaffii fi deebii televizhiinii Roosiyaa 1 jedhamu waliin taasisaniin ibsaniiru.
Deeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa Yuukreeniif taasisan waraanicha lafarra harkisuuf kan kaayyeffatedha jechuun komii biyyoota lixaarraa qaban kaasuu TRTn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.