Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni gitaa bittaa dijataalaa ittisuurratti hojjechuu qabu-Obbo Solomoon Sookaa

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Guddachaa dhufuu fayyadamtoota dirree dijitalaa hordofee biyyoonni balaa birmadummaa dijitaalaa olaanaa keesatti akka galanii fi balaa kanarraa of ittisuuf hojjechuu akka qaban Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa dubbatan.

Fooramiin Teeknooloojii Odeeffannoo Afrikaa-Raashiyaa, Raashiyaa Magaalaa Mooskootti gaggeeffamaa jira.

Obbo Solomoon Sookaa fooramicharratti muuxannoo nageenya saayibarii Ityoophiyaa qoodaniiru.

Carraa gaarii dirree dijitaalaan uumame fayyadamuun garasitti, fayyadamummaa dijitaalaayizeeshiniin walqabatee, sarbama birmadummaa dijitaalaa umamuu malan hir’isuuf dandeettii ofiin teeknooloojii kalaquun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni birmadummaa bulchiinsa saayibarii 5ffaa eegsisuu irratti hojjechuu akka qaban kaasanii hirkattummaa teeknoolojii saayibarii qaban sakatta’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni guddachaa jiran hirkattummaan teeknooloojii olaanaa keessa jiraachuun balaa birmadummaa dijitaalaaf akka saaxilaman taasisuu himaniiru.

Dirreen saayibarii daangaa kan hinqabne, jijijjiiramummaa fi tilmaamamuu kan hindandeenye ta’uun, damecha walxaxaa akka taasisu eeruun, sodaa birmadummaa saayibarii qaban hir’isuuf biyyoonni oomishaalee teeknoolojii hidhachuun akka irraa eegamu ibsaniiru.

Biyyoonni akka Afrikaa teeknooloojii damechaan duubatti hafan balaa birmadummaa dijitaalaa olaanaa keessa jiraachuu himuun, abbummaan teeknooloojii yoo hinmirkanoofne balaaf saaxilamuun waan hinhafne ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, dirree dijitaalaa nageenyummaan isaa eegame fayyadamuuf sadarkaalee, imaammataa fi hammattoowwan walta’iinsa waloo bocuun hojjechuu akka barbaachisus kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.