Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa afur dhibee beeyladootaa daangaa ce’aa ittisuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)- Itiyoophyaa, Keeniyaa, Ugaandaa fi Sudaan Kibbaa dhibee beeyladootaa daangaa ce’aa to’achuu fi ittisuu irratti waloon hojjechuuf waliigaltee Finfinneetti mallatteessaniiru.

Waliigaltichi sakattaa’aa dhibee beeyladootaa waloon taasisuu, talaallii kennuu fi odeeffannoo waljijjiiruuf kan gargaaru akka ta’e eerameera.

Hojiin walta’iinsichaa biyyoota afranuu kan hammate bu’uura Walta’iinsaa Misoomaa Daangaa Ce’aa Kaamoojaan dhibeewwan beeyladootaa ittisuu fi daldalaa seeraan alaa beeyladootaa to’achuuf kan gumaachu ta’uun ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.