Biyyoonni BRICS Artifiishaal Intalajansii irratti waloon hojjechuufi
Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC)- Biyyoonni miseensa BRICS damee artifiishaal intalajansii irratti waloon hojjechuuf tumsa damee teeknoolojii qaban cimsuuf ta’uun eerame.
Fandiin Invastimatii Raashiyaa qindoomina misooma waloo artifiishaal intalajaansii BRICS irratti xiyyeeffate ifoomseera.
Hoji Raawwachiisaan Fandii Invastimantii Raashiyaa Kiriil Dimiitiriiv, Raashiyaa, Chaayinaa, Hindi, Biraaziil, Iraanii fi Gamtaa Emeretota Arabaarraa dhaabbilee babba’an 20 ol Gamtaa Artifiishaal Intalajansii BRICS’tti makamaniiru.
Dhaabbilee kanneen keessaa yuunivarsiitiiwwan, dhaabbilee wal’aansa, oomishtoota qorichaa, misoomsitoota bu’uuraalee misoomaa faayinaansii, ogeeyyii kalaqaa teeleekominikeeshinii, oomishtoota baatirii elektirikii fi kanneen biroon akka argaman ibsaniiru.
Qindoominichi garee Artifiishaal Intalajanii biyyoota miseensa BRICS saffisaa fi dandeettii caaluun misooma waloo akka cimsan kan taasisuudha jedhamuu RT’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia