Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni boba’aa ergitoonni gabaa mijataa uumuun waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)- Biyyoonni ergitoota boba’aa Idil Addunyaa jijjiiramuu fedhii gabaa hambisuun, carraa gabaa mijataa uumuun waloon hojjechuuf waliigaluun dhaga’ame.

Yaa’ii 7ffaa biyyoota ergitoota boba’aa Aljeeriyaatti gaggeeffameen biyyoonni 14 fedhii jijijjiiramaa boba’aa hambisuuf waliigaltee dandeessisurra ga’uun ibsameera.

Waliigalteerra biyyoota ga’an keessaa Raashiyaa, Iraan, Kuwaataar fi Veenzuweelaan fa’aan kan argaman ta’uun eerameera.

Yaa’ichaan bakka bu’oonni biyyootaa, fedhii boba’aa diinagdee addunyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuun kan isaan yaaddesse ta’uu Africa News gabaaseera.

Dabalataan, laafaa dhufuu fedhii indaastiriiwwanii fi maddeen humnoota haareffamoorratti fedhiin argisiisaan dabaluun dhufuun yaa’ichaarratti dhimma xiyyeeffannaan ka’e ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.