Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni 9 miseensa haaraa BRICS ta’uufi jedhame

Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) – Amajjii 1 eegalee biyyoonni 9 miseensa haaraa garee Diinagdee BRICS ta’uuf waliigaluu ibsame.

Beelaaruus, Vooliiviyaa, Indooneezyiyaa, Kaazaakistaan, Maaleezyiyaa, Kuubaa, Taayilaandii, Ugaandaa fi Uzbeekistaan miseensa BRICS ta’uuf waliigaluu ibsameera.

Biyyoonni kun miseensa haaraa garichaa ta’uuf gaaffiin dhiyeessaan Yaa’ii Hoggantoota Biyyoota BRICS 16ffaa Raashiyaa Kaazaanitti gaggeeffamerratti ragga’e jedhame.

Biyyoonni 30 ol ta’an miseensa garichaa ta’uuf gaaffii dhiyeessanii turuu eerameera.

Gaaffiin biyyoota 9 kanneeniii gamaaggamamuun fudhatama argachuu himameera.

Dabalataan biyyoonni 4 yeroo dhiyootti miseensa garichaa ni ta’u jedhame.

Raashiyaa, Biraaziil, Chaayinaa, Hindii fi Afrikaa Kibbaan kan hundaa’e BRICS bara 2024 Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota 4 miseensa taasisuun fudhachuun kan yaadatamuudha.

Biyyoonni haaraan kunneen garichatti makamuu hordofee miseensonni garichaa 9 kan turan gara 18tti ol guddachuu isaa Iran Press fi RT’n gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.