Biyyi kan Misoomtu harka mirgaan hojjechuun harka bitaan eeguun yoo hojjetame qofa – Dooktar Abiy
Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Biyyi kan Misoomtu harka Mirgaan hojjechuun harka bitaan eeguun yoo hojjetame qofa jedhan Muummeen Ministiraa Dooktar. Abiy Ahimad.
Yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti rakkooleen gara garaa ni mul’atu jedhan.
Dooktar Abiy Addunyaa kana kan jijjiire rakkoolee yeroo garagaraa isa muudatu irraa darbee dhalli namaa waa uumuu waan danda’eefi jedhan.
Ityoophiyaan biyya Guddoo ta’uu ibsan.
Guddinni kun kan itti fufu walta’anii tokkummaan biyyaaf hojjechuuni jedhan.
Daandiin har’a eebbifamu kun biyyoota ollaa keenyaa waliin walqunnamsiisuuf ga’ee olaanaa qaba.
Hawaasni keenya oomisha isaa alatti eerguufii, biyyis waan alaa galfattu haala salphaan fayyadamti jedhan.
Uummanni Naannoo keenyaa dhaabbii biqiltuu daandii bitaaf mirgaa akka dhaabuufii miidhagina akka dabaluun hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessan.
Daandiin Xiyyaaraa haaraan gara fuula duraatti hojjetamu Naannoo kanatti dhiyoo waan ta’eef hawaasni misooma dhufaa jiru keessatti si’aa’inaan akka hirmaatu dhaaman.
Kana hundaaf bu’uurri nageenya waan ta’eef mootummaa keessan waliin ta’uun Nageenya keessan eeggachuu qabdu jedhaniiru.
Dooktar Abiy ijaarsii daandii itti fufa,hojiin qamadii Jallisiin oomishuu bu’aa qabeessa ta’aa jira kanas gara fuula duraatti cimsinee itti fufna jedhan.
Badhaadhina keenya dhugoomsuuf harka walqabanee yaa hojjennu jedhuun dhamaniiru.
Mootummaan Imaammata Daandii baasee uwwisaa waliin ga’uufi ammayyummaa isaa eeguuf hojjetaa jira jedhan Ministiirri Ministeera Geejjibaa Aadde Daagimaawit Mogos.
Daandiin Saffisaa Moojoo Baatuu guyyaa har’aa eebbifames agarsiiftuu kanaati jedhan.
Daandiin hojjetamu rakkoo balaa Tiraafikaa haala ittisuun danda’amuuf yaadamee hojjetama jiras jedhan.
Kana keessatti qaamoleen dhimmi ilaalltu ga’ee isaanii ba’uu akka qaban dhaamanii jiru.
Konkolaachistoonnis saffisa taa’ee hordofuun akka konkolaachisan hubachiisuun,qaamolee milkaa’ina Daandii kanaaf tumsanis galateeffatanii jiru.
Proojektichi daandii saffisaa Kiiloo Meetira 92 kan dheeratu Mojoo Maqii – Baatuun eebbifameera.
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.