Fana: At a Speed of Life!

Biyyi Kamiyyuu Ityoophiyaa Waliin wal waraanee Injifachuus ta’e Ityoophiyaa diiguu hin danda’u-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 30,2014 (FBC)- Biyyi Kamiyyuu Ityoophiyaa Waliin wal waraanee Injifachuus ta’e Ityoophiyaa diiguu hin danda’u jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad walga’ii idilee 6ffaa waggaa 1ffaa mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarratti argamuun dhimmoota siyaasaa fi dippiloomaasirratti ibsa laataniin, Ityoophiyaan biyya wareegama guddaa kaffaluun birmadummaa ishee kabachiiste ta’uu fi kun ammoo hojii siyaasaa fi dippiloomaasii keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Qabsaa’aan farra appaartaayidii Niilsan Maandeellaan Ityoophiyaa keessatti leenji’uu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaan birmadummaa fi bilisummaa biyyoota Afrikaa biroorratti deeggarsa taasisaa turuu eeraniiru.

Ityoophiyaan hundeeffama dhaabbata Liig of Neshinii irratti biyyoota Afrikaa keessaa adda durummaan kan kaatu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa keessa qabeenyi hawaasummaa cimaan kanneen akka yeroo gaddaa fi gammachuu wal cina dhaabachuu, hangafa kabajuu, Afooshaalee kanneen akka Iqqubii fi Iddirii jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaan guddachuufi jijjiiramuuf dandeettii cimaa qabaachuu kaasaniiru.

Waraanni Ityoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru kun waraana odeeffannoo ta’uu ibsuun, waraanicha guutummaan guutuutti to’achuun ulfaataa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa keessa waraanni ergamtootaan gaggeeffamu jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti sabaa fi saba addaan qooduun akkasumas amantaan walitti buusuuf qaamoleen hojjetan jiraachuu fi duulli cimaan gaggeeffamuu eeraniiru.

Haa ta’u malee haala kanaan Ityoophiyaa diiguu kan hin dandeenye ta’uu ibsaniiru.

Biyyi Kamiyyuu Ityoophiyaa waliin wal waraanee injifachuus ta’e Ityoophiyaa diiguu kan hin dandenye ta’uu ibsaniiru.

Hojii qaamolee nageenyaa cimsuun shira diinotaa fashaleessuu danda’amuun kaasaniiru.

Haaluma kanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti %98 milkeessuun danda’amuu ibsaniiru.

Hojii nageenya kabachiisuun guyyaa guyyaatti namoota rakkoo nageenyaa uumuuf socho’an hedduu to’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan nageenya kabachiisuufi biyya ijaaruuf tarsiimoo ifa ta’e qopheessuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Tarsiimoo dursanii Ittisuu, walitti fufiinsaan hordofuu, eegumsa taasisuu, qophaa’ii ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qormaanni caalmaan nu cimsa; madaa dhukkubsu qabaatus ni injifanna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.