Fana: At a Speed of Life!

Biyyi cimtuun sirna haqaa cimaan ijaaramti – Obbo Guyyoo Waariyoo

Finfinnee, Hagayya 26, 2016 (FBC) – Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Yaa’ii 4ffaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeesseera.

Yaa’ichi mata duree ” Sirna haqaa cimaa Ijaaruuf, Naamusa Abbaa Alangummaa Olaanaan ni hojjenna!”jedhuun gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal fi Itti Gaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaaziiz Daawud, dabalatee, Abbootii Alangaa sadarkaa Naannoo, Godinaalee, Magaalotaafi Aanaalee hirmaataniiru.

Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa walii gala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoon yaa’icharratti argamuun haasaa taasisaniin, Biyyi cimtuun sirna haqaa cimaan ijaarama, ijaarsa sirna haqaa milkeessuu keessattimmoo gaheen abbootii alangaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Sirni Gadaa Oromoo madda, duudhaa, safuufi safeeffannaa, aadaafi seenaa, beekumsaafi falaasama Orom-duriifi laallee baroota amma keessa jirruu akkasumas dhangaa egeree waan ta’eef karaa duudhaasaa eeggateen ittiin buluufi bulchuuf, bara kana hojiileen murtii haqaa mirkaneessan karaa adda ta’een raawwatamaa turuus ibsaniiru.

Biirichi raawwii hojii bara 2016 keessatti qabeenya uummataafi mootummaa karaa seeraa alaa qisaasamaa ture deebisiisuu irratti hojii fakkeenyummaa gaarii qabu kan hojjete ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.