Fana: At a Speed of Life!

Biyyattiitti tarkaanfiin olaantummaa seeraa nageenyaa waaraa fi amansiisaa mirkaneessuuf fudhatamu cimee itti fufeera- Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Biyyattiitti, tarkaanfiin olaantummaa seeraa, nageenyaa waaraa fi amansiisaa mirkaneessuuf fudhatamuu, cimee itti fufuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksisera.

Pirees Sekireetariyaatiin Waajjira Muummee Ministiraa Billenee Siyyum, haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kannaniiru.

Ibsa isaaniin, tibbana haleellaa garee shororkeessaa shaneen Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gimbii Gandaa Toleetti lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffataniiru.

Garechaarratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiraachuu eeranii, tarkaanfii fudhatama jiru duraa dhaabbachuu dadhabuun lammiilee nagaarratti ajjechaa raawwachuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessa kun walitti bu’iinsa waliinii ummataa Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumuuf itti yaade walitti bu’iinsaa fi jeequmsaa sadarkaa biyyaalessaatti uumuuf kan raawwate ta’uu eeraniiru.

Poolisiin Federaalaa gochaa haleellaa garechaan raawwatamerratti qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuus tuqaniiru.

Sababa sodaa nageenyaa garechaan umameen lammiilee rakkoo keessatti kufaniif gargaarsi raabsamaa jiraachuu eeranii, garee shororkeessa shaneerratti Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaatiin tarkaanfiin fudhatamu itti fufuu dubbataniiru.

Walitti bu’iinsa Kaaba biyyattiitti uumame karaa nagaan hiikuuf murtaa’uu ibsuun, kanaafis koreen marii nageenyaarratti hirmaatu hundeeffamuu yaadachiisan.

Guyyaa haleellaan ajaja Kaabaarra ga’ee eegalee mootummaan Ityoophiyaa rakkooleen turan karaa nagaa akka furamaniif tattaaffii cimaa taasisaa turuu yaadachiisuun, haleellicha boodas, walitti bu’iinsichi akka dhaabuu fi sababa walitti bu’iinsichaan dhiigni akka hindhangalaaneef gatii hedduu kaffaluu eeraniiru.

Gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan mariin nageenyaa garee ABUT waliin taasifamu heera mootummaa fi faayidaa biyyaalessaa haala kabachiiseen akka gaggeeffamuuf ulaagaaleen taa’uu kaasaniiru.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa kaaba biyyattiitti geejjiba lafarraa fi xiyyaaraan taasifamu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Ashaaraa magariisaa ilaalchisee Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa 4ffaa eegalchiisanirratti lammiileen miiliyoonatti lakkaa’aman hirmaachuun waggoottan afur keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoora qabame milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantichaan lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 83 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuun danda’amuu fi kanaanis galii Birrii biiliyoona 1.3 argamsiisuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.