Fana: At a Speed of Life!

Biyyaaf namni gatii kaffale kamuu kabajamaadha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Biyyaaf namni gatii kaffale kamuu kabajamaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, sochii jijjiiramaa keessatti daandiilee imala Raayyaan Ittisa Biyyaa ilaalchisee waltajjiin hoggantootaa qophaa’e milkaa’aa akka ture kaasan.

Biyyaaf namni gatii kaffalee hunduu kabajamaadha jedhanii bu’uurri seenaa Itiyophiyaas Raayyaa Ittisaa ta’uu himan.

Lubbuu isaa bakka buufamuu hindandeenye wareeguun dhalootaa kan bu’uuresse, raayyaan wareegamaa kaffaluu fi kaayyoo olaanaa qabu biyya baraaras jedhaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa qormaata sadarkaa hundaan mudateen keessatti sadarkaa fooyya’aa fi dandeettii kan qabu ta’e irraa deebiin akka ijaaramu taasisuu kaasuun, dandeettii kana fayyadamuun amanamummaa fi jaalala caaluun tajaajiluu akka qabu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.