Fana: At a Speed of Life!

Biyya Magariisaan uwwiifamte dhaloota dhaalchiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Biyya Magariisaan uwwiifamte dhaloota dhufuu dhaalchiisuuf hirmaannaan hawaasa hundaa murteessa ta’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Jilli Deetaa Ministiraa Ministeera Haqaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaayeetiin durfamuu, Magaalaa Bishooftuutti hoggantootaa fi hawaasa magaalicha waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman cinaatti, kunuunsuu irratti xiyyeeffachuu qabna jedhan Obbo Fiqaaduun.

Kana milkeessuuf gaheen hawaasa hundaa murteessa akka ta’e dubbataniiru.

Daayrektarri Inistitiyuutii Leenjii Qorannoo Seeraa Federraalaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa gama isaaniin, wabii nyaataa mirkaneessuuf biqiltuu bosona qofa osoo hin ta’iin nyaataaf oolanirratti xiyyeeffachuun kan yeroon gaafatu ta’uu dubbataniiru.

Bishooftuun biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’in kunuunsuu irratti muuxannoo waggaa dheeraa qabdi kan jedhan Kantiibaan Itti Aanaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Abdusalaam Mahaammad, biqiltuuwwan dhaabaman akka latuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.