Fana: At a Speed of Life!

Biyya lammii hundaaf walqixa mijattu ijaaruuf hojjenna – Dooktar Abiy

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa eebbisiisaniiru.
Baasii Birrii biiliyoona 9tti hiiquun kan ijaarrame Paarkiin Indaastiriin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa eebbifameera.
Dooktar Abiy bhaabbiin eenyummaa keenya diigee hin beeku, ammas diiguu hin danda’u hirmaannaa ummata isheen Ityoophiyaan ni ceeti jedhan.
Ityoophiyaa hundaaf carraa qixa laattu, qixa hammachuu dandeessuu ijaaruuf hojjechaa jira jedhan Dooktar Abiy.
Eenyummaa ofiin alatti biyya ijaaruun hin danda’amu, biyya lammii hundaaf walqixa mijattu ijaaruuf hojjenna jedhaniiru.
Nuti jabaannee hojjenne,diinoonni olola nurratti afarsan boru jilbiifataniit nu araarfatu jedhan haasawa sirna eebbichaarratti taasiisaniin.
Ityoophiyaa Jijjiiruuf mala Qonnaa jijjiiruun murteessadha jedhan Dooktar Abiy.
Preezdaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin mootummaan Ityoophiyaa gaaffii fi fedhii ummataa deebisuuf xiyyeeffannoo guddaan tarsiimoo fi imaammata qonnaa faayidaa qonnaan bulaa mirkaneessu hojiitti hiikaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiruu fi jireenya qonnaan bula gara badhaadhinaatti ceesiisuuf hojiilee eegalaman caalmaatti cimsuun qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Gootummaan keenya inni duraa diingadee biyyaa ceesiisuun ummata biyya keenyaa harkatummaa jaalaa baasuudha jedhan.
Badhaadhinni hin dhaadatu hojjette agarsiisa,dhaloota ijaara, ummata isaa jijjiiruuf yaada haaraa burqisiisuun lafa qabasiisa, badhaadhinni abjuu osoo hin taane qabatamaan hojjetanii agarsiisuudha jedhan obbo Shimallis.
Dhugaa qabannee waan imalluuf diina kamiiyyuu ni injifanna jedhan.
Badhaadhinni biyya ijaarsa malee biyya hin diigu, biyya ijaaruu keenya ammoo qabatamaan agarsiisaa jirra jedhan.
Siifan Magarsaatiin
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.