Fana: At a Speed of Life!

Biyya ganuu fi raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa ugguruun kan shakkamanirratti ajajni to’annoo jala oolchuu itti ba’uu Poolisiin Federaalaa beeksise

Finfinnee Muddee 2, 2013 (FBC)- Biyya ganuu fi raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa ugguruun kan shakkamanirratti ajajni to’annoo jala oolchuu itti ba’uu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Shakkamtoonni kanneen hoggansa humna qilleensaa, raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii duraaniti.
Onkololeessa 24,2013 uggurraa raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaarratti raawwatame keessaa harka qabu jedheera poolisiin federaalaa.
Biyya ganuu fi uggurraan kan shakkaman kanneen hoggansa sooroma ba’an 40 yoo ta’an, itti gaafatama mootummaa fi ummanni itti laate dhiisuun garee juuntaa ABUT tumsaa turaniiru jedheera poolisiin.
Isaanis Meejar Janaraal Tsaadqaan G/tinsaa’ee, Koloneel Barihee Walda Mikaa’eel, Koomiishinar Yihidagoo Siyyuum dabalatee namoota 40.
Yakka raawwatame hogganuu fi qindeessuun shakkamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.