Fana: At a Speed of Life!

Biyya bilisa taatetti injifannoo Adwaa akka kabajnuuf wareegamni guddaan kaffalameera- Preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Biyya bilisa taatetti injifannoo Adwaa akka kabajnuuf wareegamni guddaan abbootii keenyaan kaffalameera jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Preezdaant Saahilawarq sirna kabaja ayyaana injifannoo Adwaa 126ffaarratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Adwaan ayyaana seenaa Ityoophiyaa keessatti bakka olaanaa qabuu fi abbootiin keenya wareegama olaanaa itti kaffalanidha jedhaniiru ergaasaaniin.

Ayyaanicha wareegama gootonni Ityoophiyaa bittaa gabrummaarra du’a wayya jechuun kaffalanirra dhaabannee kabajaa jiraachuu dagachuu hin qabnu jedhan.

Gatiin bilisummaa kan beeknu seenaa biyyoota bilisummaa dhabanii yeroo sakattaanudhaan ta’uu fi boquu ol qabannee kan dhaabbanne weeraraa injifachuun akka danda’amu waan agarsiisneefidha jedhaniiru.

Ayyaanni injifannoo Adwaa Ityoophiyaanotaaf bakka olaanaa kan qabu ta’us uummattoota biraafis injifannoo seenaa boonsaa ta’uu kaasaniiru.

Akka biyyaatti guddachuuf bu’uura jabeessuu fi seenaarratti waliigaltee uumuun barbaachisaa ta’uu ergaasaaniin eeraniiru.

Dhimma seenaa barreessitootaa fi qorattoota seenaaf dhiisuun dhimma yeroorra darbee faayidaarra oolchuun barbaachisaadha jedhan.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.