Biyya badiirraa baraaruuf qophii ta’uu leenjitoonni Bir Shalaqoo beeksisan
Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Gareen Muuziqaa fi Aartii ajaja Lixaa mana barumsaa leenjii bu’uura Loltummaa Bir Shalaqootti argamuun leenjitoota marsaa 35ffaaf sagantaa Muuziqaa qopheessaniiru.
Ajajaa olaanaan mana barumsichaa Koloneel Geetaachoo Aliin qaamolee sagantaa muuziqaa kana dhiyeessan galateeffataniiru.
Qindeessaan garee muuziqaa fi Tiyaatiraa ajaja Lixaa Leetenaal Koloneel Xilaahuun Baqqalaa gamasaaniin, Aartiin yeroo nagaa guddina biyyaaf qooda olaanaa akkuma qabu yeroo waraanaatti meeshaa waraanaa onnee namatti horuu fi xiin sammuu namaa dadamaqsu ta’uu eeraniiru.
Humna Ityoophiyaa weeraraa jiru qolachuufis bakkeewwan garaagaraatti hojii dadammaqiinsaa hojjechuun ga’ee isaanii ba’achaa kan jiran ta’uu kaasaniiru.
Gareen muuziqaa fi tiyaatirichaa leenjitoonni bakka jiranitti argamuun hojiilee haamilee namaa kakaasan dhiyeessuu isaaniif leenjitoonni mana barumsichaa galateeffataniiru.
Leenjitoonni leenjii kennamuuf haalaan fudhachuun biyya humna badiirraa baraaruuf qophii ta’uu ibsuu isanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna