Fana: At a Speed of Life!

Bitootessaa hanga Bitootessaatti Ashaaraa seenaa qabeessaa ijaaruuf humni Itiyoophiya dhabu hinjiru-TKM

Finfinnee, bitootessa 26, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan Bitootessaa hanga Bitootessaatti ashaaraa seenaa qabeessaa ijaaruun badhaadhina hundagaleessaa dhugoomsuuf humni dhabuun akka hinjirre Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa miidiyaaleef kennaniin akka ibsanitti, baatiin Bitootessaa baatii injifannoowwan hedduun itti galmaa’aaniidha.

Mootummaan jijjiramaan, riifoormiiwwan hawaas-dinagdee fi siyaasaan gageesseen bu’alee hedduun galmaa’uu kaasaniiru.

Hojiileen dameewwan kanneeniin hojjetamaaniin qormaatilee diinagdee biyyatti mudatanii turan qajeelchuu, rakkoolee pirojektoota meegaa akka biyyaatti qabaman sirreessuun yeroo ammaa boqonnaa xumuramuurraa ga’aa jiraachuu ibsaniiru.

Damee qonnaanis Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tattaafii taasisaa jirtuun oomishtummaa qamadii dabaluun bu’aalee mootummaa jijiiiraman galmaa’aan ta’uu kaasaniiru.

Bu’aaleen argamanis daandii qajeelaan jiraatee utuu hintaane qormaatilee mudatan karaa tasgabbaa’ee fi hoggansa bilchinaa qabun darbamuun kan galmaa’an ta’uu kaasaniiru.

Qormaatileen mudatanis bu’aalee galmaa’aniif galtee ta’uun, injifannoo fi milkaa’inni akka galmaa’u taasisaniiru jedhan.

Bu’aalee argaman qaamolee gatii dhabisiisuun “zeroon baay’isuuf” tattafaatan akka jiran kan kaasan Dooktar Laggasaan Itiyoophiyaan Bitootessaa hanga Bitootessaatti ashaaraa seenaa qabeessaa ijaaruun badhaadhinaa dhugumsuuf humni lafarraa dhaabuun akka hinjirre ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.