Bishooftuutti Piroojektoonni garagaraa 52 Birrii biiliyoona 1.8 oliin hojjetamaa jiran eebbaaf qophaa’uu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti Piroojektoonni garaagaraa 52 Birrii biiliyoona 1.8 oliin hojjetamaa jiran xumuramuun eebbaaf qophaa’uu bulchiinsi magaalichaa beeksise.
Bara kana magaalichatti piroojektoonni 52 ta’an baasii Birrii biiliyoona 1.8 oliin hojjatamaa turan hedduun isaanii sadarkaa xumuraa irra ga’uun eebbaaf qophaa’uu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa himaniiru.
Daandiin Aspaaltii, Manneen qusannaa, Gamoon Sheedii IMX G+2, Tiribuuniin Istaadiyeemii, manni kitaabaa, Gamoon waajiraalee mootummaa, Daandiin Dhagaa Koobilii fi kan biro hojjetamaa turan xumurra ga’uu ibsaniiru.
Pirojektoonni kunneen gaaffii uummanni karaa adda addatiin kaasaa ture deebisuu bira darbee sochii diinagdee fi hawasummaa magaalichaa kan giddisu ta’uu himuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.