Fana: At a Speed of Life!

Bishooftuutti pirojektoonni Birrii biiliyoona 4 oliin ijaarman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Magaalaa Bishooftuutti Pirojektoonni Birrii biiliyoona 4 oliin ijaarman eebbifamaniiru.

Pirojektoonni eebbifaman kunneen giddugala gabaa, Gamoo Mana Murtii Magaalaa Bishooftuu, pirojektii bishaan dhugaatii fi gamoo Qajeelcha Poolisii fa’aa ta’uun eerameera.

Saganticharratti Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ajajaa Olaanaa Humna Qilleessaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Barana Magaalaa Bishooftuutti pirojektoonni garagaraa 175 Birrii Biiliyoona 4 oliin ijaaramuun ibsameera.

Tibbeessoo Dheekkamootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.