Fana: At a Speed of Life!

Bishooftuutti deeggarsa Hidhaa Haaromsaaf Birrii miiliyoonni 22 ol walitti qabame

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) – Magaalaa Bishooftuutti deeggrsaa Hidhaa Guddicha Haaromsaaf Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 22 fi 962 ol walitti qabamuu Bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Deeggarsa walitti qabame keessaa Birrii miiliyoonni 19 fi 627 ol gurgurtaa boondiin, miliyoonni 2 fi 373 ammoo arjoomaan ta’uun eerameera.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa, deeggarsaa hidhichaaf Birrii miiliyoona 20 ol walitti qabuuf karoorfatanii kaka’umsa hawaasni magaalicha taasiseen Birri 22 ol yookaan %108 walitti qabu ibsaniiru.

Jiraattoonni magaalichaas Hidhni Guddicha Haaromsa Itoophiyaa hanga xumuramutti gumaachni isaanii kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Waancaan hidhichaa Magaalaa Bishooftuurraa gara Magaalaa Duukamitti gaggeeffamuu ragaan kominikeeshinii Magaalaa Bishooftuurraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.