Fana: At a Speed of Life!

Birrii tiriiliyoonni 3.25 Teeleebirriin daddabarfamuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 appilikeeshinii Teeleebirriin daddabarfamuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Hojii Raawwachiistuun Dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Appilikeeshinichi tajaajilootaa damee hedduu kenna jiraachuu kaasanii, maamiltoota hedduu birattis filatamaa ta’aa dhufuu himaniiru.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom Dijitaal Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.