Birrii malaammaltummaan saamame miiliyoona 700 ol dhorkuun danda’ameera- Ministeera Haqaa
Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Bara baajataa xumurametti Birrii malaammaltummaan saamame miiliyoona dhibba 700 irra dhorkiin kaa’amuu Ministeerri Haqaa ibse.
Ministeerichi bara baajataa xumurametti maallaqa malaammaltummaan saamame, lafa, manaafi konkolaattota saamaman deebisiisuu Ministeerichatti Daayrektarri Sab-quunnamtiifi kominikeeshinii Awwal Sulxaan TOItti himaniiru.
Birrii miiliyoona 88 ol, lafa kaareemeetira kuma 10 dabalatee konkolaattotaafi manneen jireenyaa deebisiisii eerameera.
Qabeenya mootummaafi uummataa himanni irratti banaman irra dhorkii kaa’uu dubbataniiru.
Bu’uuruma kanaan Maallaqni calla Birrii miiliyoonni 701, Maallaqni sheerii Birrii miiliyoonni 744 akkasumas Boondiin Birriin miiliyoonni 27 akka hin sochooneef mana murtiin dhorkamuu addeessaniiru.
Dabalataanis lafti kaareemeetirri kuma 41 ol mana murtiitti falmiirra jiraachuu kaasaniiru.
Konkolaattonni 364, manneen 155fi maashinaroonni 617 malaammaltummaan saamamaniiru jedhamuun shakkaman qaama sadaffaaf dabarfamanii akka hin laatamneefi hin gurguramne taasifamuu eeraniiru.
Falmiin qabeenya dhorkiin irra kaa’amerratti taasifamu hanga xumuramutti qabeenya kanneenirra miidhaan akka hin geenyeef hordoffii barbaachisaan taasifamaa jira jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.