Fana: At a Speed of Life!

Birrii biiliyoonni 5.4 qorannoo Ooditiin argame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Bara baajataa xumurame waliin dhahiinsa gurgurtaa fi taaksiin walqabatee qorannoo Ooditii gaggeeffameen Maallaqni Osoo hin kaffalamin hafe Birrii biiliyoonni 5.4 argamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.

Dhaabbileen kunneen argannoo dabalatee dhalaa fi adabbii waliin Birrii biiliyoona 12.3 akka kaffalan murtaa’uu Ministeerichatti Itti Gaafatamaan kutaa hojii qorannoo Waliindhahiinsa Taaksii Obbo Sisaay Gazzuun ibsaniiru.

Bara baajataa xumurame dhaabbilee 528 irratti qorannoon Ooditii gaggeeffamuu Obbo Sisaay Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Dhaabbilee qorannoon Ooditii irratti gaggeeffame keessaa 322 nagahee saboon gurgurtaa raawwachuun taaksii waliindhahuu isaanii mirkanaa’uu ibsaniiru.

Gochaa kanaan walqabatee shakkamtoonni 14 to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.