Fana: At a Speed of Life!

Birrii biiliyoona 50.4 biyyi dhabuuf turte baraarameera-Koomishinicha

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Bara 2014 Birrii Biiliyoonaa 50.4 biyyi dhabuuf turte baraaruun danda’amuu Komishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi gamaaggama raawwii karoora bara 2014 fi karoora bara 2015rratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa, koomishinichi bara baajataa darbetti ergama mootumman kennameef ga’umsaan bahachuu ibsanii, hojiilee diinagdee biyyaa fi nageenya ummataa mirkaneessan hojjechuu ibsaniiru.

Kanaanis bara baajatichatti galii Birrii biiliyoona 154.8 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona140.5 walitti qabuun %90.7 raawwachuu ibsaniiru.

Kunis bara darbee yeroo walfakkaataan walbira qabamee ilaalamu Birrii biiliyoona 28.4 yookaan %24 caalmaa akka qabu eeran.

Burjaajjii daldalaa seeraaan alaa fi ittisaa kontironbaandiin hirmaannaa hawaasaa, qaamolee dhimmichi ilaallatuu fi hojmaata qindaawaa dhaabbilee cimsuudhaanis Birrii Biiliyoonaa 50.4 biyyi dhabuuf turtee baraaruun akka danda’ame ragaan koomishiniin Gumurukaarraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin, bara baajataa 2014tti meeshaalee kontirobaandii fi maallaqni seeraan alaa Birrii biiliyoona 5.1tti tilmaamu to’achuun himameera.

Meeshaalee kontirobaandii to’ataman keessaa Birrii biiliyoona 4.2tti kan tilamaamu daldala galiirraa yoo ta’u, Birrii miiliyoona 836.6 ol ammoo daldalaa alaarraa ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.