Fana: At a Speed of Life!

Birrii biiliyoona 20 dabalataan walitti qabuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) Doolaarri biiliyoonni 10 deeggarsan argamuu fi dabalataan birrii biilyoona 20 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri galiiwwanii beeksise.

Karoora guddina diinagdee biyya keessaa milkeessuuf Birrii biiliyoona 20 dabalataan walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Sagantaa guddina diinagdee biyyaa keessaa milkeessuuf Birriin walitti qabuuf karoorfame kun hanga ammaatti kan hin eegalamne ta’uu ibsuun, yeroo dhiyoo keessatti ni eegalama jedhaniiru.

Bara darbe yeroo kanatti Birrii biiliyoonni 98 walitti qabamee ture kan jedhan aadde adaanach, bara kana garuu baatii 6 keessatti Birrii biiliyoonni dhibbi 1 biiliyoonni 27.5 walitti qabamuu ibsaniiru.

Karoora hafee fi galii dabalataa sagantaa guddina diinagdee milkeessuuf oolu walitti qabuuf murannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Karoora kana galmaan ga’uuf hoggantoonni dhaabbilee waammamaa ministeerichaa, hojjettoonni, qooda fudhattoonn fi hawaasni ga’ee irraa eeggamu ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.