Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaan Ityoophiyaa wayita balaaf saaxilamee turetti Poolisiin adda durummaan hiriireera- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Birmadummaan Ityoophiyaa wayita balaaf saaxilamee turetti birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Poolisiin adda durummaan hiriiruu  Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sagantaa beekamtii kennuu fi galateeffannaa hoggantootaa fi miseensota poolisii magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffame irratti argamuun haasawaa taasisaniin, Poolisiin federaalaa nageenya kabachiisuuf oliif gadi kaataa turuun injifannoo hedduu booda ayyaanicha kabajuu fi hojii dhaabbatichaa uummatatti agarsiisuu danda’uu ibsaniiru.

Kanaaf ammoo baga gammaddan jedhaniiru.

Nagaan kan bulluu fi biyya keenya badhaadhomsuuf kan tattaafannu isiniin amananneetu jedhan.

Poolisiin federaalaa fi dhaabbileen nageenyaa fi tikaa cimanii akka itti fufaniif kan barbaadamu bu’uurri badhaadhina Ityoophiyaa nageenya waan ta’eef ta’uu kaasaniiru.

Faayidaa ifaa kan hubannu dukkana keessatti akkuma ta’e ga’een qaamolee nageenya kabachiisanii nageenyi keenya balaaf yoo saaxilamedha jedhaniiru.

Gatii nageenyaa osoo hubannee fi beeknee gara walitti bu’iinsaatti hin gallu jechuun dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.