Birmadummaa fi nageenya biyyaaf jecha Koomaandoo fi Humna Qilleensaa caalmaatti cimsuuf qophoofneerra – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa
Finfinnee, Mudde 29, 2015 (FBC) – Birmadummaa fi nageenya biyyaaf jecha Koomaandoo fi Humna Qilleensaa yeroo kamuu caalaa haalaan gurmeessuuf qophoofneerra jedhan Itaa Maajooriin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan.
Giddu galli Leenjii Koomaandoo fi Ajajnni Qilleensaa Koomaandoowwan bu’uuraa leenjisaa ture eebbisiiseera.
Koomaandoowwan bu’uuraa Humna Galaanaa fi Poolisii Federaalaa waloon leenjicha fudhachuu ibsameera.
Itaa Maajooriin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan sirnicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, birmadummaa fi nageenya biyyaaf jecha Koomaandoo fi Humna Qilleensaa yeroo kamuu caalaa haalaan gurmeessuuf qophoofneerra jedhan.
Eebbifamtoonni aantummaa biyyaa gochaan mirkaneessuu qabu jedhan.
Mootummaan rakkoo biyya muudate humna qolachuu danda’u, leenjisuu, hidhachiisuu fi qopheessuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ajajaan Olaanaan Qajeelcha Waliigalaa Koomaandoo fi Ajaja Humna Qilleensaa Leetanaan Jeneraal Shuumaa Abdataan gama isaaniin, giddu galichi Koomaandoo, Ajaja Humna Qilleensaa, Humna Addaa fi Farra Shororkeessaa Ityoophiyaa madaaluu danda’u leenjisuu cimsee itti fufuu dubbataniiru.
Ajajaa Olaanaan Giddugala Leenjii Humna Qilleensaa fi Koomaandoo Koloneel Bojaa Agaas, leenjifamtoonni kunneen leenjii isaanii keessatti hojii idilee fi al-seerummaa lafa adda addaa keessatti bakka socho’aa fi dhaabbataa kamiyyuu dhabamsiisuu fi balleessuu danda’uu gahumsi isaanii madaalliidhaan kan mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.