Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa biyyaa eegsisuun seenaa injifannoo Ityoophiyaanotaa itti fufsiisuu qabna- Obbo Taaggasaa Chaafoo

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Chaafoo birmadummaa biyyaa eegsisuun seenaa injifannoo Ityoophiyaanotaa itti fufsiisuu qabna jedhan.

Manni marichaa guyyoota 6’f Akkaadaamii  Hooggansa Afrikaatti waltajjii marii taasisaa ture xumureera.

Xumura waltajjichaarratti birmadummaa biyyaa eegsisuun seenaa injifannoo Ityoophiyaanotaa itti fufsiisuun akka barbaachisu obbo Taaggasaan ibsaniiru.

Ityoophiyaan qabsoo abboota keenyaan kattaa jabaarratti ijaaramte burjaajjii humnoonni garaagaraa kaasaniin kan hin diigamne ta’uu kaasaniiru.

Nageenyaa fi birmadummaa biyyaa eeguun itti gaafatamummaa uummatan itti kenname ga’umsaan ba’achuu akka qaban miseensota mana marichaa yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.