Fana: At a Speed of Life!

Biraazilitti sababa vaayrasii koroonaan guyyaa tokkootti namoonni kuma 4 fi 195 lubbuun darban

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) -Biraazilitti sababa vaayrasii koroonaann guyyaa tokkootti namoonni kuma 4 fi 195 lubbuun darbaniiru.

Hoospitaalonni biyyatti namoota vaayrasichaan qabamaniin guutamaniiru.

Bulchiinsoota garagaraa keessatti kutaan wal’aansa cimaa %90 wal’aanamtootaan qabameera.

Hanga ammaattiis lammiileen Biraazil kuma 300 fi kuma37 ta’aan sababa vaayrasii koroonaan lubbuusaanii dhabaniiru.

Preezdantiin biyyattii Jaayer Boolsonaaroon ugguraa fi ittisaa tokkoollee osoo hin fudhatiin hafuun himameera.

Sababni isaanis miidhaa vaayrasichi qaqqabsiisurraa diinagdeen ni miidhama jedhanii amanuusaaniti jedhameera.

Hanga ammaatti Biraazilitti gosoonni seeliiwwan vaayrasii koroonaa 92 argamuusaanii ogeeyyiin kan himan yoo ta’u, tokko tokkoo hatattamaan kan tamsa’aniidha jedhameera.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.