Fana: At a Speed of Life!

Biraaziil uggura Miidiyaa Hawaasaa ‘X’ irra keesse kaasuu beeksiste

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Biraaziil uggura Miidiyaa Hawaasaa ‘X’ (Duraan Tiwiitara jedhamu) irra keessee kaasuu beeksiste.

Manni Murtii Olaanaa Biraaziil uggura miidiyaa hawasummaa ‘X’ irra kaa’amee ture kan kaase, dhaabbatichi beenya Doolaara miiliyoona 5 erga kaffaleen booda ta’uun gabaafameera.

Yeroo ammaa dhaabbatichi biiroo Biraazilii qabu lammii biyyattiin akka hogganamu waliigalteerra ga’amuun ibsameera.

‘X’ bara 2022 filannoo Pireezidaantumma Biraaziil ilaalchisuun odeeffannoo sirrii hintaane tamsaaseera jechuun tajaajilli isaa ugguramuun himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.