Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuuwwan bara darbe dhaabaman %92.3 lateera-BQO

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Saganataa Ashaaraa Magariisaan naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwaan bara darbe dhabaman %92.3 latuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Eliyaas Kaadir Faanaa Biroodkastingi Korpooreetiif ibsa kennaniin, biqiltuuwwan bara darbee dhaabaman miiliyoona 4 fi 490 kunuunsuuf karoorfamee keessaa biqiltuuwwan miiliyoona 4 fi 161 kunuunfamuu eeran.

Kunuunsi biqiltuu kunis hirmaannaa hawaasan saganta tajaajila lammummaan kan gaggeeffame ta’uu eeruun, godinaalee naannichaa muraasatti hanqinni roobaa mudatus, latiinsa biqiltuuf haalli qilleensaa mijataan turuu yaadachiisaniiru.

Naannoo Oromiyatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 5ffaa baranaafis biqiltuuwwan biiliyoona 4.9 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuus Obbo Eliyaas ibsaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.