Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuun bunaa miiliyoonni 75 ol Naannoo Ummattoota Kibba Lixaatti dhaabbiif qophaa’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Naannoo Ummattootaa Kibba lixaa Ityoophiyaatti biqiltuu bunaa miiliyoona 75 ol mootummaa fi qonnaan bultootaan qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituuwwanii naannichaa beeksiseera.

Naannichaatti lafti hektaarri kuma 550 bunaan uwwifamuu Daayrektarrii Abbaa Taayitichaa Obbo Asraat Makuriyaa dubbataniiru.

Baranas biqiltuu bunaa miiliyoona 75 ol dhaabuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti biqiltuuwwan bunaa miiliyoonni 66 ol qophaa’uu Obbo Asraat dubbataniiru.

Qonnaan bultoonnis dhabbii biqiltuu bunaa baranaaf qophii lafaa taasisuu Fanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Alamaayyoo Maqaasaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.