Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuu haa kunuunsinu, Aramaa haa Buqqisnu-Biiroo Dhimma Dubartoota,Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa.

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartoota,Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kenneera.
Sagantaa sosochii dargaggoota naannoo Oromiyaa kunuunsa biqiltuu irratti dhaadannoo”biqiltuu haa kunuunsinu;Aramaa haa buqqisnu” jedhuun qindoomina biiroo dhimma dubartoota,daa’immanii fi dargaggoota Oromiyaa fi Dargaggootaa fi Jaarmiyaalee Dargaggoota Oromiyaa waliin tahun eegalchisuuf qophii xumuruu ifoomseera.
Itti Aantuu Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartoota,Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa aadde Samiiraa Faariis kenna tajaajila lammummaa ganna darbe keessatti dargaggoonni shoora olaanaa taphachuu kaasuun ammas kunuunsa biqiltuu yeroo bonaa kana keessatti seenaa hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniru.
Obbo Addunyaa Asaffaa dura taa’aan waldaa dargaggoota Oromiyaa dargaggoon jijjirama jirurraa fayyadamaa tajaajila lammummaa keessatti yoo hirmaatan guddina biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan ijaarsa dargaggoota Oromiyaa Dargaggoo Ahmed Qalloo gama isaatin dargaggoonni dachee Oromiyaa tokkummaa isaanii agarsiisuuf hojiin tajaajila lammummaa dhimma ijoodhaan kaaseera.
Sagantaan sosochii dargaggoota naannoo Oromiyaa biqiltuu kunuunsuurratti xiyyeeffattu kun akka guutuu Oromiyaatti sambata dhufu Mudde 3, 2013 Magaalaa Adaamaatti ni eegala jedhameera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.