Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorri qabame milkaa’uu MM Dr Abiy Ahimad ibsan

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) –Sadarkaa biyyaatti biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorri qabame milkaa’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
 
Sirni cufiinsa “ashaaraa magariisaa” muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, bakka hoggansi olaanoo federaalaa fi naannoo argamanitti magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffameera.
 
Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee milkaa’uusaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Bara darbe biqiltuu biiliyoonni 4 dhaabamuun ni yaadatama.
 
Bara itti aanuf biyyoota ollaatif biqiltuun kan qophaa’u ta’uu beeksisan.
 
Biqiltuuwwan dhaabbaman akka qabatan ummanni kunuunsuu akka qabu Dooktar Abiy dhaamaniiru.
 
Ityoophiyaan waggoota 4tti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfachuushees beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.