Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuu barana dhaabamu %10 biqiltuu muduraa gosa adda addaa nyaataaf ooludha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016(FBC)-Biqiltuu barana dhaabamu keessaa %10 biqiltuu muduraa gosa adda addaa nyaataaf oolu ta’uu pireezidaantiin Mootummaa Naannoo oromiyaa Obbo SHimallis Abdisaan dubbatan.

Pireezidaanti shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti Guyyaa har’aa, Godina Qeellam Wallaggaa, Aanaa Laaloo Qileetti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2016 jalqabsiisaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa bara 2011 irraa eegalee rakkoo jijjiiramaa fi faalama qilleensaan walqabatee uumamuu malu qolachuuf, akkasumas dhiqama biyyee fi lola hir’isuuf sochii Ashaaraa Magariisaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee itti fufiinsaan hojjechuu irratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.

kanaanis naannoon Oromiyaa sochii adda duree taasisaa jiraaachuu kaasan.

Bara kana akka naannootti waliigalaa biqiltuu bil. 5.5 qopheessuuf karoorfame keessaa, biqiltuu dhaabbiif gahe biiliyoona 5’tti dhiyaatu lafa hektaara miiliyoona 1.29 irratti dhaabuuf hojiichi jalqabamuu dubbatan.

Lafa barana biqiltuun uwwifamu hektaara miiliyoona 1.29 keessaa lafti hektaarri kuma 814 fakkii saatalaayitii waliin walsimuu ibsan.

Akkasumas biqiltuu bara kana dhaabamu keessaa %10 biqiltuu muduraa gosa adda addaa nyaataaf oolu ta’uu himan.

Akka Naannoo Oromiyaatti, bara 2011 irraa eegalee Sagantaa Ashaaraa Magariisatiin, walumaagalatti biqiltuu biiliyoona 18.6 dhaabuun kan danda’ame yoo ta’u kana keessaa %88.5 kan ta’uu lateera jedhan.

Kanaaniis, bosona naannoo keenyaa bara 2011 dura %17 irra ture gara % 27’tti guddisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dinagdee magariisaa ijaaruuf galama qabame keessatti, gumaacha hangafa ummanni naannoo keenyaa taasisaa jiruuf kabaja olaanaan qabaachuu eeraniiru.

Lammiin kamuu harkifannaa tokko malee sochii kanarratti abbummaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Muldhata “Oromiyaa ni ijaarra! Itoophiyaa ni utubna! Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!” jedhu dhugoomsuu keessatti Sagantaan Asharaa Magariisaa shoora olaanaa akka qabus yaadachisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.