Bineensonni Bosonaa Paarkii Booranaa keessatti argaman sababa hongeen rakkoo bishaanii hamaaf saaxilamuu ibsame
Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Bineensonni Bosonaa Paarkii Booranaa keessatti argaman sababa hongeen godinicha muudateen rakkoo bishaan dhugaatii fi nyaataa hamaaf saaxilamuu bulchiinsi Paarkichaa beeksiise.
Hongeen godinicha muudate jiraattootaa fi loonirra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu dubbatameera.
Sababa hongee kanaan Bineensonni Paarkii Biyyaalessaa Booranaa keessatti argaman du’aa jiraachuu ibsameera.
Paarkii kana keessatti Harre Diidoo, Saattawaa, Leencaa fi Tarraaca dabalatee gosti Bineensotaa 286 ni argamu jedhame.
Sababa hongee muudate kanaan Bineensonni kunneen rakkoo bishaan dhugaatii fi Nyaataaf saaxilamuu ogeessi Ikkoo Turizimmii Paarkichaa obbo Guufuu Kashiinaan ibsaniiru.
Bineensonni kunneen balaa cimaa keessa jiraachuu isaaniin mootummaa fi qaamni dhimmi ilaallatu deeggarsa ariifachiisaa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.